Sign Up / Log In
Spoken | mati_wak.40yyrv | Spoken
mati_wak.40yyrv
Mati Wak
@mati_wak.40yyrv
0 Plays
0 Followers
https://ihave.spoken.press/w/mati_wak.40yyrv
Feetu uleen na tumi Feetus na kuti morma Dhugaatu fira kooti Kijibni anaaf horma Foolii ajaa'aa malee Maal eeggatuu raqarraa Jireenya baduuf jedhee Hin fagaadhu haqarraa Hammeessa maqaaf jedhee Hin gadhiisu karaa koo Sammuu koos hubachiiseen Nan jabeessa garaa koo Miidhamni dachaa ta'ee Faanni kiyya quuqamus Dhiibuu golaattii galee Abdiin kiyya suuqamus Takkaa hin burjaajessu Qalbii koos hin biliqsu Kijiba sodaaf jedhee Haqa of hin miliqsu Dhugaa jiru dhoksinee Maaliif soba faarsina Dhugaadhaan dhugaa jennee Wal dhabaa araarsina Garaa guuttachuuf jennee Yoo balleessine haqa Bu'aan garaacha keenyaa Mana fincaanii dhaqa Akka waan quufnee hafnuu Akka waan bara moonuu Lakkii dhiisaa jallinaan Garaa gamoo hin goonuu Akka nama ulfaa'ee Garaa xirribbeessinee Daqiiqaa xiqqoo booda Ni gannaam fageessinee Waanum kiiloo hin kaafne Akka fiinyaa afuufnee Gatii gatachuuf jiru Garaa keenyatti quufnee Gamoo ijaarsa bade Bubbeetu raasee jiksa Warra dhugaaf dhaabbatu Dhugaatu isaan tiksa Murtiidhaaf ariifanna Gudeelcha sobaa baannee Gaafa qajeeltoo suuta Gaafa jallinaa kaannee Jiruu dhuunfaa godhannee Qabeenya namaa saamna Bu'aa bu'aan kan keenya Ba'aadhaaf nama waamna Goota jabaa of goona Of fakkeessina tulluu Rabbi qofaatu beeka Akkatti oollee bulluu
Projects
Following
Likes